• Sat. Mar 14th, 2026

WBOn godina Lixa Harargee aanaa Mi’eessoo keessatti tarkaanfii fudhateen injifannoo galmeesse

Aug 14, 2023

ONM-ABO Hagayya 14, 2023

Gootichi Waraana bilisummaa Oromoo WBOn Zoonii bahaa tarkaanfii guggubduu humna diinaa irratti fudhateen injifannoon goolabeera.

Tarkaanfii godina Lixa Harargee aanaa Mi’eessoo iddoo addaa Kaarra Irreessaa jedhamuun beekamutti Hagayya 12, 2023 humna diinaa sakattaaf baate irratti akka impaayera Itoophiyaatti ganama sa’a 2:00 hanga 6:00tti akkasumas sa’a 9:00 hanga 12:00tti tarkaanfii fudhateen humna diinaa baarudaan macheessee tumaa ooluun injifannoo boonsaa galmeessee jira.

Gama diinaatiin loltoonni baay’inni isaanii 350 hanga 400 ga’an WBO sakatta’uuf kan dhufan yoo ta’u, isaan keessaa baa’yinni loltoota PP dhumanii 42 akkasumas kanneen madaa’an 57 akka madaa’an barameera.

Guyyaa kaleessaa Hagayya 13 reeffa ambulaansii kan kaafatan yoo ta’u gariin dirree irratti gatamee oole.


Lola kanaanis meeshaa waraanaa hedduu irraa booji’ee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading