• Sat. Mar 14th, 2026

Weellistoota Oromoo kutaa magaalaa Finfinnee jiraatan irratti doorsisaa fi isin ajjeesna jechuun tikootni bilxiginnaa dararaa jiraachuun ifoome

Aug 15, 2023

ONM-ABO Hagayya 15, 2023

Murni beektota Oromoo, Oromiyaaf abdii egeree ta’an fixaa as ga’e, baroota dhufaa darbaa ija Oromoo warreen ta’an irbaata rasaasaa gochaa kan turan, ammas baruma bulchiinsa murna bilxiginnaa kana keessa artistootni Oromoo hedduun sirnichaan osoo dhumaa jiranii tikoota isaaniin ammas karaa bilbilaa doorsisa geggeessuu hammeessanii jiru.

Sagalee uummata isaanii ta’uuf aartistootni Oromoo osoo aarsaa lubbuu kaffalaa jiranii, ajjeessanii dhugaa isaanii dhoksaa kan jiran geggeessitootni impaayera Itoophiyaa, yeroo ammaa kana artistoota Oromoo magaalaa Finfinnee jiraatan irratti doorsisni jabaan geggeeffamaa jira.

Ergamtootni bilxiginnaa kun bakka ati seentu kamiyyuu seeneen si ajjeessa jechaa kan jiran ta’uu kan nuuf himan maddeen, isin Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu waan ta’eef akkuma warreen kaan ajjeesnetti si ajjeesna jechuun itti dhaadachaa jiru.

Tikni jabaan Abiy Ahimad bobbaasee Finfinnee keessatti ilmaan Oromoo funaanee hiisisaa, doorsisaa fi ajjeessisaa jiru nama maqaan isaa Axinafuu Asaffaa jedhamu dhalataa Shaggar lixaa Magaalaa Amboo ti.

Tikni kun  magaalaa Finfinnee fi Adaamaa gidduu deddeebi’uun sabboontota Oromoo doorsisaa jiraachuu namootni rakkoon kun irra ga’e Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading