• Fri. Jan 9th, 2026

Dhiibbaan waraana shororkessaa bilxiginnaan godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii fi godina Horroo Guduruu ona Jimmaa Raaree keessatti uummata nagaa irratti geggeeffamu jabaatee itti fufuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ifoomsan

Aug 16, 2023

ONM-ABO Hagayya 16, 2023

Sarbamiinsi mirga namoomaa fi dhittaa akka malee akkasumas gidirfamni ilmaan Oromoo irratti bifa garaagaraan wal jijjiiree geggeeffamu jabaachaa deemuun Oromiyaa keessatti nagaan ba’anii galuun ulfaataa dhufeera.

Haaluma kanaan godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii keessatti saamichi fi ajjeechaan ilmaan Oromoo irratti jabaatee itti fufuun, magaalaa Gidaamii ganda 01 fi Kommii Kojjii gidduu bakka Laga Somboo jedhamutti hadhoolii Oromoo fi shammarran irratti dirqiin gudeeddii raawwachuu fi saamichi daangaa darbe geggeeffamaa jiraachuu maddeen himan.

Kana malees wardiyyaa mana baankii Oromiyaa obbo Faayisaa Tarrafaa jedhamuun waraana keenyaa baastee waraana bilisummmaa Oromootti geessaa jirta jechuun qabanii yeroo dheeraa erga hidhaniin booda Hagayya 8, 2023 mana hidhaatii baasanii ajjeessuun reeffa yoo dhoksan, maatiin reeffa barbaaduuf gara itti gaafatamaa waajjira dhaabaa PP obbo Zaakkaree deemanii gaafatanis galaatii gadda taa’aa jechuun of irraa ari’ee jira. Reeffi obbo Fayisaas hanga ammaatti hin argamin jiraachuun barameera. 

Oduu biraatiin godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Raaree magaalaa Goobanii fi Babal’aa irraa waraanni fashiisti PP dheengadda Hagayya 14, 2023 gara ganda Ifa Biyyaatti bobba’uun maallaqa, bilbiloota harkaa, warqee dabalatee meeshaalee faayyaa hedduu namoota maqaan isaanii  Xilahuun Asaffaa fi Amansiis Asaffaa jedhaman jalaa saamanii jiru.

Kana malees torbee darbe  magaalaa Gobaan keessatti nama Zarihuun Abarraa jedhamu mana daldala elektironiksii isa cabsuun bilbiloota, kompiyuuteera fi meeshaalee daldalaa hedduu saamuu maddeen ONMtti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading