• Fri. Nov 27th, 2026

Qondaaltotni waraana bilxiginnaa bakka waraana keenya WBOtti badanii ilmaan keessan bakka nuuf buusaa jechuun aanaa Anfillootti waltajjiin uummata doorsisan

Aug 16, 2023

ONM-ABO Hagayya 16, 2023

Kaleessa Hagayya 15, 2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Muggii keessatti waltajjii ganamaan uummata magaalattii ganda 01 fi 02 waaman irratti uummataan bakka waraana  keenya badanii ilmaan keessan bakka nuuf buusaa jechuun qondaaltotni waraana PP uummata waltajjii irratti doorsisaa turan.

Waltajjii mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Tokkummaa Anfillootti taa’ameen lola torbee darbe magaalaattii fi naannowwaa ishee keessatti taasifameen miseensotni keenya dhibba lama ta’an badanii waan WBOtti makamaniif bakka isaanii ijoollee keessan bakka nuuf buusuu qabdu jechuun waltajjii irraa itti dhaadachuun, uummatni  magaalaattii bakka jiraatuun nama milishaa isaaf ta’u akka qopheeffatan dirqisiisuun barameera.

Waraanni faashistii kun dheengadda Hagayya 14, 2023 uummata waltajjii waamus hawaasni magaalichaa ba’uu waan dideef kaleessa dirqamaan akka ba’an yoo taasisan, uummatni yaada waltajjii irraa dhiyaateef irratti mormii qabu dhageessisaa tureera. 

Waraanni keessan badan mana keenya keessa hin jiran, eessaa isinii fidna, ijoollee keenya ammoo ni barsiifanna malee lolatti hin erginu, waraana isin geggeessitan  nuti deggeraa hin jirruu fi qaama isin asii lolaa jirtan hin beeknu jechuun  yaada isaanii harkatti kuffisanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Leave a Reply