ONM-ABO Hagayya 18, 2023
Irra jireessi ilmaan Oromoo kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessa jiraatan yeroo itti hojii dhuunfaa isaaniitti bobba’uun jireenya fooyya’aa jiraachuuf carraaqqatanitti waan hin beekneen shakkamanii mana hidhaa sirnichaa keessatti darbatamuun walakkaa umrii isaanii itti fixaa, gariin ammoo doorsisaa fi saamicha waraana sirnichaan irratti geggeeffamu dheessuun bakkoota biraatti godaananii rakkinaaf saaxilamanii jiru.
Kibxata darbe Hagayya 15, 2023 godina Arsii lixaa magaalaa Shaashamannee keessatti obbo Tashoomee Gadaa jiraataa ganda 04 kan ta’e, duraan abbaa Murtii ta’uun hojjechaa kan ture, amma ammoo abukaattoo seeraa ta’uun hawaasa tajaajilaa jiru, bakka hojii idilee isaatii laqaana nyaachuuf yeroo ba’etti waraana sirnichaan qabamee achuma magaalaa Shaashamannee waaajjira poolisii aanaa 2ffaa bakka 81 jedhamutti hidhamee jira.
Magaalaa Shashamannee keessatti hidhaan itti fufuun torbee lama dura Hagayya 4, 2023 abbaa daa’ima sadii kan ta’e Abdurramaan Waqaayyoo kan jedhamu osoo nyaata horii gurguruu qabamee mana hidhatti darbamuun hanga ammaa dararamaa jiraachuu fi magaalaa Shaashamannee keessatti dargaggoota waltajjiin doorsisuu fi jumulaan qabanii hidhuun kutaa xiqqoo namoota hedduu fudhaachuu hin dandeenyetti nama 80 ol hidhuun rakkoo fayyaaf saaxilaa jiru.
Oduu biraatiin magaalaadhuma Shaashamannee keessatti yeroo itti qala’insi jireenyaa uummata waadaa jirutti, guyyaa guyyaan tooftaa ittiin uummata saaman tolfachuun gabaa ganda 01 keessatti argamu keessatti horii tokkotti hanga qarshii 500 dirqamaan hawaasa irraa fudhaa waan jiraniif, uummanni gabaa ba’ee daldallachuufuu rakkoo keessa jiraachuu maddeen magaalaa Shaashamannee ifoomsaniiru.







