ONM-ABO Hagayya 19, 2023
Hidhaa, saamichaa fi ajjeechaan yakkoota kutaalee Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo irratti geggeeffamaa jiru keessaa isaan ijoo yoo ta’u, gochi giddu gala Oromiyaatti jabaatee itti fufuun lixa Shaggar fi kibba lixa Shaggar keessatti waraanni faashistii Abiy Ahimed qabeenya saamaa fi hidhaa jira.
Hagayya 17, 2023 godina lixa Shaggar ona Meettaa Roobii ganda Warqee Waleensuu keessatti waraanni faashistii PP maqaa sakattaa waraana bilisummmaa Oromoon bobbaa’an uummata nagaa irratti meeshaa dhukaasuun hawaasa goluun obbo Baqquu Guutamaa jalaa loon 6 offaatanii deeman.
Oduu biraatiin ammoo Roobii darbe Hagayya 16, 2023 godina kibba lixa Shaggar aanaa Sooddoo Daaccii ganda Bacaqii waraanni bufatee jiru daa’imman loon tiksitu Bashoo Yaadatee daa’ima gannaa 10 fi Mallasaa Yaadatee daa’ima ganna 8 qabanii hidhuun loon aadde Hinmallee Magarsaa ammoo saamanii deemuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


