ONM-ABO Hagayya 19, 2023
Torbee darbe keessa aanaa Sibuu Siree ganda Baqqoo Jimaa keessatti maatii qabsaa’otaan hanga ijoollee keessan deebistanitti nu waliin jiraachuu hin dandeessan jechuun caasaan gandaa fi kaabinootni uummata doorsisaa jiru.
Waltajjii uummata waamuun maatiin qabsaa’otaa qotuu hin danda’an, kan qotatanis miidhaan galfachuu hin qaban jechuun gocha namootaa malee hawaasa keessatti akka jibbamaniif dhiibbaa gochaa jiru.
Murni faashistii PP aanicha keessatti rakkoo qonnaan bultootni qabaniif deebii kennuu dhiisuun dhimma siyaasaan kan dararaa jiran yoo ta’u, abbaan gandaa Baqqoo Jimaa obbo Jamaal Yusuuf jedhamu hawaasa nagaa rakkisaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.





