ONM-ABO Hagayya 19, 2023
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii Giddu Galeessa tarkaanfii laalessaa lixa Shaggar aanaa Meettaa Walqixeetti fudhateen injifannoo boonsaa argatee jira.
Humna faashistii PP kaleessa Hagayya 18, 2023 reejimantii 5niin sagantaa duula guyyaa shanii qabachuun lolaaf kan bobbaa’an yoo ta’u, abdii fi gaachanni uummatichaa WBOn dura goruun rasaasaan akaa’ee baarudaan macheessuun guyyaa dhaloota isaanii abaarsisuun 96 battalatti irraa ajjeesee 45 ol madoon adabee jira.
Loltoota PP ajjeefaman kana keessa ajajoota sadarkaa garaagaraa irra turan keessatti argamu.
Meeshaalee waraanaa dishqaa guutuu 1, dishqaa hir’uu 1, AKM 58, Sniper 3, PKM 3 fi meeshaalee garaagaraa hedduu dugda diinaa irraa hiikun qabsoof galii godhee jira.
Loltoota Abiy Ahimed duguuggaa sanyii uummata irratti raawwachuuf deemaa turan irratti tarkaanfii laalessaa jajjabeen WBO fudhateen du’aa fi madoon adabuun cinaatti loltoota 30 jiraatti booji’ee jira.
Humni diinaa kun waraana isaanii shakkan harka duwwaa deemsisuun aarsaa goggogaa taasisaa akka turan warreen booji’aman irraa hubachuun danda’ameera.
Tarkaanfii WBOn fudhatu hanga Bilisummaa fi Walabummaatti itti fufa!
Injifannoon Uummata Oromoof!




