• Tue. Nov 24th, 2026

Godina baha Harargee aanaa Shankoor keessatti maqaa Waraana bilisummaa Oromoo deggertuun waraanni faashistii PP hidhaa jiraattoota irratti hammeessan

Aug 21, 2023

ONM-ABO Hagayya 21, 2023

Rakkoo bulchitootni aangoo siyaasa impaayeerattii Oromiyaa keessatti uumaniin xiqqaa fi guddaa, wallaalaa fi beekaa osoo hin jenne waraanni murna bilxiginnaa bulchiinsa aangoo qondaaltota murnichaaf jecha uummata hiraarsaa oolu.

Haaluma kanaan kaleessa Hagayya 20, 2023 godina baha Harargee aanaa Shankoor ganda Bininsoo jedhamu keessatti waraanni ergama Abiy Ahimed milkeessuuf jecha namoota nagaa hidhuun dararuu itti fufuun namoota maqaan isaanii Ramzii Taajuu fi Falmataa Abdoo jedhaman qabanii mana hidhaatti rakkisaa  jiru.

Godina baha Harargee aanota hedduu fi aanota ilmaan Oromoo keessa jiraatan kanneen Mootummaa Naannoo Harariin waamaman keessatti murni bilxiginnaa waan Oromoo ta’an qofaaf maqaa adda addaan uummata dararaa akka jiru kan kaasan jiraattonni, kaayyoon murnichaa namni kamuu akkaataa siyaasa isaaf tolutti hin deemu taanaan yakkamaa taassisuun miidhaa irraan ga’uudha jechuun yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply