ONM-ABO Hagayya 21, 2023
Rakkoon siyaasaa impaayera Itoopiyaa keessatti babal’atee jiru jabaatee itti fufuun ilmaan Oromoo Oromummaa qofaan fo’amanii Oromiyaan alatti naannolee ollaa keessattis ajjeefamaa jiru.
Haaluma kanaan godina Kaamaashii keessatti torbee darbe keessa gochootni sukkanneessoon poolisoota naannichatti bobbaafamaniin jiraattoota aanaa Kamaashii ganda Dagubaa keessatti Oromoota hedduu qabuun naasuu tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeessuu maddeen himan.
Poolisootni kunneen gochoota suukkanneessoo kana hanga gabaasni kun qophaa’etti jabeesssanii kan itti fufan yoo ta’u, daangaa Oromiyaa keessa seenuunis jiraattoota Oromoo irratti dhiibbaa gochuuf qophii irra akka jiran jiraattotni sodaa qaban Arraata Biyyoolessa Oromiyaatiif qoodaniiru.



