• Sun. Jan 11th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii keessatti waraanni faashistii PP nama tokko ajjeessuun tokko madeessan

Aug 21, 2023

ONM-ABO Hagayya 21, 2023

Murni faashistii PP ilmaan Oromoo irratti sanyii duguggaa raawwachaa jiru itti fufuun Oromiyaa bakkoota cufatti ajjeechaa namoota nagaa irratti raawwachaa jiru.

Hagayya 19, 2023 godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Aci’oo Hordaa jedhamu keessatti sakatta’insa waraana bilisummmaa Oromoo jechuun kanneen bobbaafaman irratti gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo tarkaanfii irratti fudhate haaloo ba’uuf namoota nagaa kan maqaan isaanii Admaasuu Qannoo abbaa ijoollee lamaa rasaasa sadiin rukutuun kan ajjeessan yoo ta’u,  barsiisaa Addisuu Kibbabuu ammoo rasaasaan rukutuun madeessaniiru.

Barsiisaa Addisuun yaala olaanaaf hospitaala Begii ciibsamuu yaalamaa kan jiru yoo ta’u. Haa ta’u malee waraanni faashistii PP hospitaalichatti yaalamuu hin qabu jechuun akka hin yaalamneef rakkisaa turuun barameera.

Waraaanni maafi’aa PP kun Oromiyaa golee mara keessatti lola Waraana Bilisummaa Oromoo waliin taasisaniin miidhaa irra ga’u asi deebi’uun hawaasa meesha maleeyyii ajjeessaa akka jiran ni beekama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading