ONM-ABO Hagayya 22, 2023
Oromiyaa keessatti dargaggoonni egeree biyyattiif abdachiisoo ta’anii fi gama misoomaas ta’e diinagdeen biyya ijaaruuf humnaa fi daandeettii itti qaban, bakka hojii dhuunfaa isaanii fi bakkeewwan garaagaraa keessaa badii malee waraana fashistii Abiy Ahimediin ukkaamfamuun mana hidhaatti darbatamaa jiru.
Dilbata dheengaddaa hagayya 20, 2023 godina Harargee bahaa aanaa Dadar araddaa Biyyoo Nagayaa keessatti dargaggoo Isaaqee Shaamee jedhamu waraanni sirnichaa qabuun gara waajjira poolisii aanaa Dadaritti geessuun hidhanii jiru.
Dargaggoo Isaaqeen kanaan duras badii tokko malee ilaalcha waraana bilisummmaa Oromoo qabda jedhamuun murtii seeraa tokko malee waggaa lama hidhamee akka ture maddeen himuun, ammas maqaa waraana bilisummmaa Oromootti makamuufi jedhuun shakkamee hidhamuu isaa maddeen dabaluun ifoomsaniiru.


