• Sun. Mar 15th, 2026

Godina kaaba Shaggar aanaa Sulultaa keessatti murni bilxiginnaa namoota mana hidhaatii baasanii ajjeessuu fi dhabamsiisaa kan jiran yoo ta’u, baha Wallaggaa Kiiramuutti finxaaleeyyiin Amaaraa dargaggoota Oromoo 7 ajjeessan

Aug 22, 2023

ONM-ABO Hagayya 22, 2023

Murni dheebuu aangoo qabuuf jecha barcuma isaaf lubbuu ilma namaa balleessuun araada itti ta’e bilxiginnaan namoota qabee erga to’annoo seeraa jala galchee booda murtee seeraan ala mana hidhaatii baasuun ajjeessuu fi namoota hedduu ammoo maatii jalaa dhoksuun achi buutee dhabamsiisaa jiru.

Haaluma kanaan godina kaaba Shaggar aanaa Sulultaa ganda  Ada’aa Gumbichuu keessatti Hagayya 17, 2023 nama nagaa hojii keessan hin hojjedhu jechuun mormate tokko waraanni faashistii PP ajjeessan.

Dabalataanis taatee torban 2’n dura ta’een namoota maqaan isaanii hin baramin lama balaa tiraafikaan konkolaataan isaanii lamaan walitti buunaan konkolaachistoota lamaan erga to’annoo seeraa jala olchaniin booda marfata Wagiddii jedhamuun  beekamu biratti ajjeessuun gatuu maddeen gabaasan.

Waggaa tokko dura nama maqaan isaa Abittii Hurrisaa jedhamu magaalaa Kanteerii ganda Weezerootii qabuun magaalaa Caancoo Mana hidhaa Caancootti hidhanii kan turan hanga ammaatti eessa akka geessan hin baramin jiraachuun ni beekama.

Oduuma wal fakkaatuun godina baha Wallaggaa aanaa Kiiramuu ganda Caffee Guddinaa bakka Noolee jedhamutti dheengadda Hagayya 20, 2023 ilmaan Oromoo torba finxaaleeyyii Amaaraan ajjeefamuun barameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading