• Sun. Mar 15th, 2026

Hidhattootni Amaaraa Faannoon godina kaaba Shaggar ona Abbichuu keessatti ilmaan Oromoo sadii ajjeessuun hedduu kan madeessan yoo ta’u, aanaa Anfilloo keessatti ammoo waraanni Abiy Ahimed nama tokko ajjeessan

Aug 22, 2023

ONM-ABO Hagayya 22, 2023

Humnootni badii finxaaleyyii Amaaraa Faannoon daangaa Oromiyaa kallattii garaagaraan cabsanii seenuun uummata Oromoo qe’ee abbaa isaanii keessatti ajjeessuu fi qabeenya saamuu akkasumas manneen jireenyaa hedduu barbadeessuun gaaga’aama hedduu qaqqabsiisan itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan godina kaaba Shagar ona Abbichuu ganda Horoo keessatti humnootni finxaaleessaa magaalaa Dannabaa irraa dhufan Hagayya 19, 2023 ganama barii uummata irratti dhukaasa bananiin namoota sadii ajjeessanii, hedduu madeessuun hospitaala seenanii yaalamaa akka jirantu himame.

Namoonni hidhattoota kanaan Sanbata darbe ajjeefaman:

Wasanuu Guddataa, Yiluu Abbabaa fi Namarraa kan jedhaman yoo ajjeessan, namoota hedduu maqaan isaanii nu hin qaqqaabnes madeessanii yaalaa irra akka jiran jiraattootni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Aanaa Abbichuu kana keessatti Kamisa darbe uummata konkolaataa tokko guutuu magaalaa Gabaa Jimaataa irraa gara magaalaa Mandiidaa deemaa turan humna finxaalessaa kanaan butamanii turuun ni beekama.

Oduuma ajjeechaa kanaan wal qabatuun kaleessa Hagayya 21, 2023 waraanni faashistii PP nama nagaa maqaan isaa Dagguu Ittafaa jedhamu godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo magaalaa Seertumii keessatti waraanni faashistii PP ganama osoo inni hojii qonnaa isaaf deemaa jiruu qabuun mooraa Ukkii kan warshaa bunaa keessa seensifachuun rasaasaan rukutanii ajjeessuu maddeen gabaasaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading