• Thu. Nov 26th, 2026

Warshaan uffataa magaalaa Adaamaatti argamu kan abbaan qabeenyaa Chaayinaa ta’e ilmaan Oromoo irratti daba dalagaa jiraachuun himame

Aug 22, 2023

ONM-ABO Hagayya 22, 2023

Magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Boolloo bakka addaa riqicha Chaayinaa jedhamutti kan argamu warshaan uffataa abbaan qabeenyummaa isaa chaayinaa ta’e, loogii sabummaa irratti xiyyeeffachuun ilmaan Oromoo warshicha keessaa hojjetan irratti dhiibbaa garaa garaa uumaa jiraachuun dubbatame.

Warshicha keessatti ilmaan Oromoo hojii humnaa irratti kan bobbaafaman yoo ta’u, kanarratti ammoo ramaddii kontiraataa jechuun yeroo barbaadanitti ari’aa, miindaa 1200-1500 hin caalleen karaa dallaalaa ykn ejensii jedhamuun shamarran qofa dhaabbataa godhanii ramaduun, humna isaaniitti dhimma ba’aa jiraachuunis himame.

Dabalataan ammoo shamarran Oromoo ramaddii dhaabbataan warshicha keessaa hojjetaa jiran irraa mindaa parsantiin ejensii ykn dallaalotaaf citaa kan jiru yoo ta’u, dallaalonni dafqa ilmaan Oromoo irraa dhibbantaan maallaqa kutataa jiran illee ijoollee Amaaraa akka ta’anii fi hojjettootni warshichaa hojii sasalphaa hojjetanii maallaqa gurguddaa argatanis ilmaanuma habashootaa ta’uu dubbatu.

Warshaan kun dachii Oromoo irratti gadi dhaabbatee rakkoo fi dhiibbaa gurguddaa ilmaan Oromoo irratti raawwachaa kan jiru yoo ta’u, maallaqni ilmaan Oromoo dafqa isaaniitiif warshicha keessaa argachaa jiran mana kiraallee kaffaluufii dadhabuun walumaa galatti haalli isaan keessa jiran mammaaksa Oromoon muka jigetti qottootu baayyata jedhuun waliin fakkaataa jira jechuun maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply