ONM-ABO Hagayya 22, 2023
Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhachuu itti fufuun guyyaa har’aa du’aa fi madoon adabee jira.
Har’a Hagayya 22, 2023 godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu magaalaa Harawwee fi Waamaa Tobbaraa gidduu naannoo mana barumsaa Tobbaraa sadarkaa 1ffaatti tarkaanfii laalessaa waraana faashistii PP irratti fudhateen waraana diinaa irraa 45 ajjeesuun 57 madeessee loltoota 12 harkaan booji’ee jira.
Lola kanaanis qawwee AKM 25, hidhannoo, rasaasaa AKM fi PKM akkasumas qophii waraanaa irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchee jira.
Guyyuma har’aa aanaa Baabboo Gambeel ganda Shimal Tokkeettis tarkaanfii laalessaa fudhachuun du’aa fi madoo baachisee yoo deebisu, aanaa Qondaalaa magaalaa Liqixii ba’uun humna dabalataa kan deemaa turan irratti bakka Maqa Boonaa jedhamutti jajjabeen WBO eeggachuun rasaasaan akaa’ee baarudaan macheessuun du’aa fi madoo hedduun adabee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof!
