ONM-ABO Hagayya 23, 2023
Dhaadannoo Oromoo fi Oromiyaa dhabamsiisnee sirna abboota keeenya durii deebisna jedhu qabatanii kan bobba’an humnoonni finxaaleyyii Amaaraa Faannoon, Tumsaa fi deggersa sirna faashistii bilxiginnaa irraa argataniin, meeshaalee garaa garaa hidhatanii daangaa Oromiyaa cabsanii seenuun, uummata nagaa haleelaa kan turanii fi ammallee kan itti jiran yoo ta’u, dhiyeenya ammoo sirnichuma waliin wal dhabuun duula jabaa walitti bananii jiraachuun beekamaadha.
Haaluma kanaan, Torbanoota lamaan darban dura godinootaa fi aanaalee naannoo Amaaraa jalatti argaman hedduu seenuun, loltoota raayyaa ittisa impaayerattii waliin wal haleelaa kan turan humnoonni kunneen, Sa’atii 24 keessattis masaraa abbaa keenya Minilik ni deeffanna jechuun isaanii kan yaadatamu yoo ta’u, Lola guyyoota muraasaan booda garuu naannoo dhuunfatan jedhame gadhiisuun riphanii tarkaanfii fudhachaa jiraachuun dubbatamaa jira.
Lola riphee loltummaan geggeessan kanaaf humni naannoo Goojjam irraan socho’u daangaa Oromiyaa fi Beenishangul Gumuz keessaa godinoota akka Baha Wallaggaa, Horroo Guduruu Wallaggaa fi Matakkal keessa cabsanii seenuun duubee tolchatanii lola banuuf deemaa jiraachuun isaanii dubbatame.
Humni Hisbaawwii Haayil jedhamu kan Iskindir Naggaan hoggaanamu addatti Oromiyaa kallattii Wallagga bahaa Amuruu fi kiiramuu, Horroo Guduruu Wallaggaa akkasumas Benishangul Gumuziin seenee duubee godhachuuf sochii gochaa kan jiru yoo ta’u, Qaamoleen kunneen odeessaalee ba’aa jiruun karaa kaaba Shaggar akkasumas baha Shaggar Adaamaan wal qabatee lola eegaluun dirree lolaa ykn abidda naannoo fi uummata isaanii irraa baasuun gara Oromoo fi Oromiyaatti jijjiiruuf karoora qabaachuun saaxilameera.


