ONM-ABO Hagayya 23, 2023
Waraana Bilisummaa Oromoo hanga hagayya 30tti Oromiyaa keessaa dhabamsiisuu qabna jechuun karoorfatee socho’aa kan jiru PP’n Operationa marsaa kanaanis haleellaa gurguddaan irra dhaqqabuun abdii murannaa keessa akka jiru beekuun danda’ameera.
Waraanni PP kan Gujii Bahaa fi Boorana Bahaa keessaa WBO qulqulleessuuf dirqama fudhatee bobba’e, Kooriin 205ffaan WBO Boorana Bahaa fi Gujii Bahaa keessa jiru loluuf humna akka hin qabne iyyachuun humni reejimentiin lama naannoo Soomaalee magaalaa Dooloo irraa akka dabalamuuf godhamee jiraachuu maddeen keenya moonaa diinaa keessaa gabaasaniiru.
Ajajaan Koorii 205ffaa, Koloneel Girmaa Ayyalee, Operationa ammaa kana humna qabaniin milkeessuu akka hin dandeenye dubachuun, humna naannoo Somaalee magaalaa Dooloo qubatee jiru Koorii 87ffaa irraa rejimentii 2ffaa fi 4ffaa buqqisuun gara Boorana Bahaa Liibanitti qubsiisee akka jiru gabaafameera.
Lola amma banuuf jiran kanaaf hogganoonni isaanii Birgaader General Solomoon, ajajaa iizii Kibbaa, koloneel Girmaa Ayyalee, Ajajaa Koorii 205ffaa, koloneel Getaachoo, ajajaa koorii 87ffaan durfamuun Zoonii Kibbaa, Gujii Bahaa fi Boorana Bahaa keessatti lola banuuf qophiitti akka jiran maddeen keenya keessoo isaaniitii gabaasaniiru.
Lola marsaa jalqabaa irratti haleelamuun kasaaraa guddaan kan isaan mudate loltootni PP, marsaa ammaa kanatti ajajaa iizii kibbaatiin hoogganamuun loluuf akka jiran kan beekame yoo ta’u, Waraanni Bilisummaa Oromoo yeroo kamittuu operationa isaanii qolachuuf qophiitti akka jiru irra deddeebiin beeksisaa tureera.



