ONM-ABO Hagayya 28, 2023
Ilmaan Oromoo magaalaa Finfinnee keessa jiraatan kan maqaa Qeerroo Finfinneetiin of waaman magaalaa Finfinnee keessaa baasuu qabna jechuun Finxaaleyyoonni magaalaa Finfinnee maadheffatanii jiran mari’achaa kan turan yoo ta’u, ilmaan Oromoo qofaatti eeguun ukkaamsanii bakka buutee dhabamsiisaa akkasumas reebicha hamaa irratti raawwachaa jiru.
Hagayya 26, 2023 magaalaa Finfinnee kutaa bulchiinsa Boolee bakka addaa Gooroo jedhamutti dargaggoo Oromoo Lammeessaa Darajjee jedhamu karaa irratti eeggachuun reebicha hamaa erga irraan ga’anii booda, karaa irratti gatanii deemuu maddeen keenya gabaasaniiru.
Dargaggoo Lammeessaan qaama reebicha kana isa irraan ga’e kanaan akka wal hin beeknee fi Afaan Oromoo waan dubbateef qofa, isiniin barbaanna mitii jechuun itti baay’atanii erga tumaniin booda du’eera jedhanii karaa irratti gatanii akka deemanis itti dabaluun himaniiru.
Finxaaleeyyonni kunneen magaalaa Finfinnee bakka hundatti wal gurmeessuun ilmaan Oromoo adamsaa akka jiranii fi namoota qofaa isaanii bilbila Afaan Oromoon dubbataa deeman butanii dhabamsiisaa waan jiraniif magaalaa Finfinnee keessatti ilmaan Oromoo of eeggannoo gochuu akka qabanis dhaamsa isaanii dabarfataniiru.


