ONM-ABO Hagayya 28,2023
Murni ilmaan Oromoo badii tokko malee ajjeessuun bulchiinsa isaa dirqamaan fudhachiisuu barbaaduu fi murna sodaatamaa ijaaruu barbaadu bilxiginnaan, Oromiyaa aanota adda addaa keessatti ajjeechaa jabeessee itti fufee jira.
Haaluma kanaan Jimaata darbe Hagayya 25, 2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Kollii bakka addaa Oshii ganda abbaa Qabbanee jedhamuun beekamutti dargaggeessa horii tiksaa ture maqaan isaa Iliyaas Mangashaa jedhamu bakka horii tiksutti rasaasaan rukutuun ajjeessan.
Dargaggoo Iliyaas Mangashaa barataa kutaa 11ffaa irraa gara 12ffaatti darbee boqonnaa gannaa maatii isaa gargaaraa tureedha.
Aanichuma ganda Dawoo Toobbiitti Kamisa darbe Hagayya 24, 2023 namoota nagaa abbaa fi daa’ima waggaa 5 tokko yoo ajjeessan nama biraa tokko madeessuun barameera.
Maanguddoon guyyaa sana ajjeefame Yoonaas Toomas yoo ta’u daa’imni isaa tokkos walumaan rasaasaan rukutamuun lubbuun darbe.
Murni faashistii PP du’a namootaatti qoosuu fi mormiin taayitaa isaa irratti kan dhufu yoo ta’e, namootni hedduun dhumuu akka danda’an ifatti dubbate, har’a bakka cufatti namoota heera mootummaa humnaan diiguuf ka’an jechuun daa’ima siyaasa mitii naannoo ishee illee sirnaan adda hin baasne, kanneen caasaa Gadaan Dabballee irra jiran osoo hin hafne irbaata rasaasaa gochaa jiraachuun ni beekama.

