• Tue. Jan 13th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa keessatti hidhaan namoota nagaa irratti jabaatee itti fufuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan

Aug 28, 2023

ONM-ABO Hagayya 28, 2023

Guutuu Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoo maqaa Waraana Bilisummmaa Oromoo deggertu, nyaachistuu fi dhiyeessii mijeessituuf jedhuun sobaan yakkanii namoota nagaa mana hidhaatti guuraniii gidirsuun  kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti jabaatee itti fufee jira.

Bifuma Kanaan maqaa Waraana Bilisummmaa Oromoo waliin hidhata qabdu jedhu hordofee godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa ganda Duukii keessaa namoonni nagaan qabamuun mana hidhaatti hiraarfamaa jiraachuu maddeen himan.

Hagayya 24, 2023 namoota maqaan isaanii Abdullaa Ahimed, Shamshuu Bakar fi Aliyyii Bakar jedhaman faallaa siyaasa bilxiginnaas ta’e hirmaannaa siyaasa kamiiyyuu kan hin qabne, Oromummaa isaanii qofaan yakkamanii hidhamuun  wajjiira poolisii aanaa Caawwaqaa keessatti dararaa argaa akka jiran jiraattotni aanaa Caawwaaqa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading