• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa fi Cawwaaqaa keessatti dararaan maqaa milishoota qabuu jedhuun raawwatu jabaate

Aug 29, 2023

ONM-ABO Hagayya 29, 2023

Dargaggootni fi abbootiin warraa umrii 40 gadii mana isaanii keessa nagaan jiraachuu kan dadhaban bara murna bilxiginnaa, bakka haadholiinii fi haati warraa dhiirotni keenya qe’ee nuuf bubbulanii jechuun seenaa bara dargii kaasanii dubbachaa turanitti, bifa haaraan Abiy Ahimed aangoo isaa tiksuuf dhiirota Oromoo dirree waraanaatti geessee ficcisiisuuf ganda keessaa maqaa leenjii milishummaan namoota qabuu itti fufee jira.

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa keessaa milishoota duraanii fi namoota haaraa qabee fe’uun maatii boossisaa jiru.

Gochi kun aanaa Cawwaaqaa keessattis jabaatee jiraachuun qonnaan bultootni fi dargaggootni qe’ee isaanii dhiisanii baqachaa jiru.

Oduu biraatiin ammoo aanuma Cawwaaqaa keessatti ilmaan Oromoo maqaa deggertoota Waraana Bilisummaa Oromootii fi WBO waliin hidhata qabdu jedhuun namoota nagaa dararuu hammeessanii jiru. Aanotuma lachuu keessatti waaraanni Abiy Ahimediin durfamu maqaa sakattaa WBO’n gandoota keessa naanna’anii saamicha qabeenya namootaa irratti raawwachaa turan.


Keessumaa aanaa Cawwaaqaa keessaa araddaa Baha Biiftuu, Biiftuu Ayyaanaa, Shimaltokkee, Tarkaanfataa, Buufataalee akka 1ffaa ,4ffaa 5ffaa, 7ffaa akkasumas aanaa Daaboo keessaa araddaa Tuulamaa, Geeroo, Waangaree Baballii, Gumbii, Arressaa Qarkaa fi Cittuu Qarkaa keessatti namootaan WBO quunnamtu jechuun bilbila irraa guuraa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading