ONM-ABO Hagayya 30, 2023
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa qorannoo mataa isaatii komee hojjettootni baankii hojii Gamtaa Oromiyaa distiriiktii Naqamtee irraa qaban ilaalchisuun geggeesseen, rakkoon kun adeemsa hojii waggoota muraasa dura ture keessa akka mul’achaa turee fi yeroo ammaa komeen gama kenninsa tajaajila maamiltootaa fi qabiinsa hojjettootaan jiru gaarii ta’uu dubbatu.
Rakkoon namootni isin irratti kaasan kun maalifiree jechuun gaafatamanii yoo deebisan, fedhii gareen yookiin namootni muraasni yeroo barbaadan guddatanii, Damee barbaadan qofa seenanii hojjetanii fi namoota barbaadan qofaaf liqiin akkasumas faayidaan akka guutamu fedhuu irraan kan ka’e akka ta’e ibsu.
Baankiin kun tajaajila barbaachisaa hawaasaa kennaa akkasumas hojjettoota isaafis mirga isaanii akka eegan yoo ibsanis darbee darbee hojjettootni komee ni kaasu.
Baankicha rakkoon ka’aa jiru kan yeroo darbee malee amma guutummaatti hojii sirrii hojjechaa jirra kan jedhan yoo ta’u, fuula duras dirqama baankiin tokko dhaabbateef qabannee hawaasa tajaajilamaas ta’e hojjettoota ulaagaa barbaachisu guutanii baankichatti ramadamaniif tajaajila si’ataa fi loogii irraa bilisa ta’e ni laannaaf jechuun komee isaan irratti ka’eef qorattoota keenya yaada isaanii qoodaniiru.






