• Sun. May 19th, 2024

Murni faashistii PP godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti qorichoota buufata fayyaa keessaa baasee fageessee kaa’uun jiraattota rakkisaa jiraachuun barame

Aug 30, 2023

ONM-ABO Hagayya 30, 2023

Bilxiginnaan tajaajila hawaasummaa jiraattotaaf dhiyaatu addaan kutuun, Oromiyaa bakkoota hedduutti uummata dararaaf saaxilee jira.

Murni kun dhiibbaa midhaan nyaataa, rakkoo tajaajila ifaa, daandii fi fayyaa ofii dhalchuun hawaasa rakkoo hamaa keessa galchuu itti fufee jira.

Haaluma kanaanis, godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti bulchitoonni aanichaa qorichoota buufata fayyaa keessaa hawwaasni ittiin tajaajilamu guutummaatti baasuun gara bakka biraatti kan dabarsan yoo ta’u, kanarraa ka’uunis tajaajilli yaalaa hatattamaa fi qorichootni battalatti hawaasni ittiin yaalamuu qaban, buufaticha keessatti kennamaa kan hin jirre ta’uu maddeen himan.

Akka maddeen jedhanitti, buufatni fayyaa aanichaa magaalaa Muggii bakka Wallaallii jedhamutti kan argamu yoo ta’u, qorichoonni achi keessaa baafamanis fageenya tilmaama kiilomeetira tokkoof walakkaa geeffamee waajjira fayyaa aanichaa kan kaa’amee fi sababa kanaan ammoo dhukkubsattootni buufatichatti yaalaman yaalii erga argataniin booda qoricha ajajameef fudhachuu waajjira fayyaa akka deeman barameera.

Waajjirri fayyaa akka kutaa faarmaasiitti tajaajilaa jiraachuun deemsa dheeraa kutaa qorichaa fi mana yaalaa gidduutti murni bilxiginnaa uumeef hawaasni gatii inshuraansii fayyaa kaffalee osoo qabuu rakkoo bilxiginnaan uumeen baasii qaalii baasanii kilinika dhuunfaatti yaalamaa akka jiran maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading