• Sun. May 19th, 2024

Lixa Wallaggaa aanoota godinichaa irraa murni bilxiginnaa milishoota 1685 magaalaa Gimbii keessatti leenjisaa jiraachuu fi dubartoota mana bunaa qabanis miseensummaa isaanii guuchisiisuun akka qeerroo fi sabboontota Oromoo basaasan taasisaa jiraachuun dhagaa’ame

Aug 30, 2023

ONM-ABO Hagayya 30, 2023

Sodaa Waraana Bilisummaa Oromoof qaban irraa ka’uun murni bilxiginnaa teessuma aangoo isaaf jecha dargaggootaa fi namoota abbaa ijoollee ta’an dirqamaan hojii isaanii irraa qabuun akka leenjii milishummaa leenji’an gochaa jiru.

Milishoonni dirqamaan qabamanii jiran kun abbaa maatii yoo ta’an maatii isaanii bakkeetti dhiisuun ilmaan isaanii akka rakkoof saaxilaman gochuu bira darbee yeroo ammaa harki caalmaan isaanii jiruu baqaa fi iddoowwan adda addaatti faca’anii jiraachaa jiru.

Haaluma kanaan Lixa Wallaggaa aanota godinichaa keessaa milishoota  baayinni isaanii 1685 ta’an gaafa Hagayya  27, 2023 irraa eegaluun Magaalaa Gimbii bakka mana barumsaa Biiftuu jedhamutti leenjisaa kan jiran yoo ta’u, milishoonni leenji’aa jiran kunis leenjii booda naannootti deebi’anii uummata akka dararaniif akka ta’e barameera.

Akka maddeen keenya jedhanittis leenjiin kun erga eegalee hanga yoonaatti milishoonni 37 baduun gara maatii isaaniitti kan galan ta’uu himuun, milishoonni 11 ammoo nu dhukkube jechuun gara maatii isaaniitti galuu fi  namoonni torba ammoo dhukkubsatanii hospitaala magaalichaa keessatti yaalamaa jiraachuu maddeen kun dabaluun ibsaniiru.

Milishootni aanoota kunneen irraa walitti qabamanii leenjiirra jiran kun, hojiin isaanii sabboontota, qeerroo bilisummaa Oromoo fi namoota quuqama Oromummaa qaban naannoo isaanii keessaa adda baasuun raayyaa ittisa impaayerattii dhuunfachiisuu akka ta’e barameera.

Magaalichuma keessattis dubartoota mana bunaa  dhoksaan leenjisanii kan bobbaasanii jiran  ta’uu kan himan maddeen, akkaataan isaan ittiin sitti siqan sabboonaa fakkachuun waan ta’eef namuu akka irraa of eegatu jechuun dhaamsa isaanii qeerroo bilisummaa Oromoo fi namoota quuqama saba isaaniif qabaniin nuun ga’aa jechuun yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading