ONM-ABO Fulbaana 2,2023
Maqaa gibiraa fi oppireeshinii jedhuun waraanni akkasumas kaabinoonni murna maafi’aa PP baayinaan hawaasa nagaatti bobbaafaman guyyaa irraa gara guyyaatti gochoota hawaasa mufachisuu fi abdii kutachiisan Oromiyaa keessatti bara bulchiinsa Abiy Ahimed raawwachaa jiran dabalaa deemuu jiraattotni dubbatu.
Haaluma kanaan baha Harargee aanaa Haramayyaa magaalaa Maayis damee Batteetti hawaasa nagaa maqaa garaagaraa itti maxxansuun ba’aa fi gala dhorkuu jiraattotni dubbatan.
Magaalaa Baatee keessattis dubartoota Jimaa gurguruun ofii fi maatii isaanii jiraachisan mootummaaf guyyaa kudha shanitti qarshii 300 kaffaluu qabdu, yoo hin kaffaltan ta’e rakkoo isin irra ga’uuf itti gaafatamaan mataa keessan jechuun akeekkachiisanii turuu himu.
Aanicha keessatti rakkoo roobni dhabamuutiin wal qabatee uummanni rakkoo hamaa keessatti kufee wayita gargaarsa barbaadanitti murni bilxiginnaa naasuu tokko malee uummata maallaqa irraa guuruun, waan hin mallee fi uummaticha rakkisuuf hojjechaa jiramuu dha.


