ONM-ABO Fulbaana 4, 2023
Godina Booranaa aanaa Areerootti waraanni faashistii PP deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun namoota nagaa 73 ta’an qabee hidhuun mana hidhichaa keessatti namootni rakkoo fayyaaf saaxilamuu irraan kan ka’e lubbuun darbaa jiraachuun barameera.
Hidhamtoota kanaaf nyaatni akka hin seenne dhorkuunii fi yeroo dhukkubaniitti yeroon mana yaalaa geessuu diduun hidhamtootni 10 ta’an of wallaaluun gaggabanii jiraachuu maddeen dubbatu.
Isaan keessaa jiraataan ganda Madarii namni maqaan isaa Danbalaa Areeroo jedhamu guyyaa kaleessaa Fulbaana 3, 2023 lubbuun darbee reeffi ganda isaatti deebi’uun ibsameera.
Godina Booranaa keessatti rakkoo hamtuu hawaasni gammoojjummaan babal’achuu irraan kan ka’e balaa beelaaf saaxilamee dararamaa jiru kanatti maqaa siyaasaan namoota hidhuu fi lubbuu obbaasuun akkuma itti fufetti jiraachuun ni beekama.


