• Tue. Sep 29th, 2026

Waraanni faashistii PP baatii darbe kana miidhaa gurguddaa hawaasa Oromoo godina Lixa Shaggar aanota adda addaa irraan ga’uun barame

Sep 4, 2023

ONM-ABO Fulbaana 4, 2023

Duula bifa haaraan Oromiyaa keessatti waraanni faashistii PP eegaleen waraanni isaa ilmaan Oromoo godina Lixa Shaggar aanota hedduu irraan miidhaa lubbuu, qaamaa fi qabeenyaa irraan ga’anii jiru.

Hagayya 7, 2023  kaasee hanga Hagayya 31, 2023tti aanota adda addaa keessatti ajjeechaa, hidhaa, reebichaa fi saamicha ulfaataa irraan ga’aa turan.

Aanaa Cobiitti guyyaa tokkotti qofa namoota 10, Akkasumas Jabduu, Midaaqenyi, Jalduu fi Amboo keessatti gochootni suukkanneessoo kunneen raawwatan.

Ajjeechaa mana tokko keessaa miseensota maatii afur irratti raawwachuu hanga saamichaatti kan geggeessan yoo ta’u, namootni waraanni faashistii PP kun rasaasaan rukutee ajjeesses hedduu dha.

Aanaa Liiban Jaawwii keessatti daa’ima baatii 6 kaasee hidhaan aanota godinichaa cufa keessatti geggeeffamaa jiru hammaachuu irraan kan ka’e hawaasni gidiraa argaa jiraachuun barameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading