ONM-ABO Fulbaana 5, 2023
Murni ilmaan Oromoo hidhuu akka tooftaa waraanaatti fudhachuun uummatni Oromoo sababa kanaan na jalaa callisa jedhee yaadu bilxiginnaan golee Oromiyaa mara keessatti badii tokko malee hidhaa jira.
Sanbata darbe Fulbaana 2, 2023 godina Arsii bahaa aanaa Heexosaa ganda Daawwee Guutichaa keessatti nama obbo Ganna Tunee jedhamu ilma kee bakka jiruu fidi jechuun waajjira poolisii aanichaatti hidhanii jiru.
Torbee tokko duras obbo Tamaam Baatii jedhamus qabanii kan hidhan yoo ta’u, abbaa fi ilmi obbo Abdurhamaan Qaasim Qabeeloo fi ilmi isaanii Abdullamiid Abdurhamaan erga hidhanii baatii sadii lakkoofsiseera.
Aanaa Heexosaa ganda Daawwee Guutichaa fi bakkoota birootti caasaan bilxiginnaa uummata dararaa jiran poolisii Geetiyyee jedhamuu fi caasaa ganda Abdulkariim Muktaar ta’uu maddeen aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


