ONM-ABO Fulbaana 5, 2023
Murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo jiruuf jireenya isaanii fooyyeefachuuf magaalota adda addaa keessatti faca’anii yeroo dheeraaf jiraachaa turan ija siyaasaan ilaaluun ajjeesaa fi hidhaa ture ammas bifa haaraan ati eessaa dhuftee fi maaliif dhufte? jedhu dhiheessuun mana hidhaatti erga galchanii booda gara adda waraanaatti ergaa jiraachuun barameera.
Haaluma kanaan baha Oromiyaa magaalaa Harar keessatti torbanoota darbe irraa kaasuun dargaggoota godinaalee adda addaa irra magaalicha keessa jiraatan sababa tokko malee siyaasa mataa isaanii fayyadamuun akka waan dargaggoonni sun balleessaa qabaataniitti bakka hojii isaanii fi lafa argan hundatti reebicha erga irratti rawwataniin booda gara mana hidhaatti galchuun boodarra gara adda waraanaatti ergaa jirus jedhaniiru.
Kolonel Abiy Ahimed teessuma aangoo isaaf jecha ilmaan Oromoo namoota hojii adda addaa hojjachuun ofii fi maatii isaanii jiraachisan dirqamaan qabee adda waraanaatti erguun lola isaan hin ilaallanne irratti hirmaachisuun lubbuu isaaniin tirgaa siyaasaa taphachaa kan jiru yoo ta’u yeroo ammaas daa’imman hedduun abbaa malee guddachaa jiraachuu fi haalli isaan itti guddatan rakkoo fi qorumsa jireenyaan kan guutame ta’u ni dubbatu.



