• Tue. Jun 23rd, 2026

Waraanni faashistii PP godina Baha Wallaggaa keessatti manneen qonnaan bultootaa gubuu fi qabeenya hawaasaa saamuu daran jabeessan 

Sep 5, 2023

ONM-ABO Fulbaana 5, 2023

Ilmaan Oromoo qe’ee abbaa isaanii irratti hiraarsuu hojii idilee kan godhate murni bilxiginnaa gocha badii isaa kana jabeessee itti fufuunkan qe’ee Oromootaa ibiddaan barbadeessuu fi qabeenya saamuun qonnaan bultoota hiraarsaa jira.

Haaluma kanaan Godina Baha Wallaggaa Aanaa Nuunnuu Qumbaatti keessatti gaafa Fulbaana 1/2023 mana jireenyaa Obbo Bajiree Mirreessaa gubanii erga barbadeessaniin booda loon 12, lukkuuwwanii fi re’ootta jalaa saamanii deeman.

Achuma Aanaa Jimmaa Arjoo keessatti ammoo Fulbaana 2 mana Obbo Tasammaa Mirreessaa kan guban yoo ta’u qabeenya inni qabu hundaa saamanii deemuu isaanii jiru.

Murni faashistii PP kun godina  baha Wallaggaa keessatti gocha cigaasisaa raawwachuun uummatni jiraachuun yaaddoo kan itti ta’e yoo ta’u, torbeedhuma darbe kana keessa magaalaa Naqamtee bo’oo lola keessatti Oromticha tokko ajjeesanii gatuun reeffi bubbulee argamuun ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading