• Wed. Jan 14th, 2026

Bulchiinsa magaalaa Shaggar aanaa Gafarsaa Aannee Diimaa keessatti manneen hawaasa diiguun murna PPn jabaatee itti fufe

Sep 5, 2023

ONM-ABO Fulbaana 5, 2023

Erga murni bilxiginnaa aangootti dhufee kaasee hawaasni Oromoo qe’ee fi qabeenyaa isaa irraa kan yeroo kamuu caalaa  ari’atamuu, buqqa’uu, hidhamuu, ajjeefamuu fi saamamuu keessummeessaa jira.

Haaluma kanaan Fulbaana 1, 2023 bulchiinsa magaalaa Shaggar aanaa Gafarsaa bakka adda aannee Diimaa jedhamutti manneen uummataa maqaa ijaarsa seeraan alaa jedhuun murni impaayeraa Itoopiyaa of harkaa qabu diigaa ture.

Hawaasni manneen isaanii jalaa diigamuun bakka bultii dhabanii bakkeetti rakkachaa jiran haadholii daa’imman xixiqqoo guddisaa jiranii fi yeroo hamma haalli jireenya isaanii rakkisaa ta’uun waan ittiin mana kiraa fudhatan dhabuun daandii irratti kufanii jiru.

Dhimmi ijaarsa magaalaa Shaggar erga eegalee baatii 6 lakkoofsisuus naannowaa Finfinneetti manneen namootaa diiguun ilmaan Oromoo kuma dhibbootaan  bakkeetti bakkee facaasuu irra kan darbe ijaarsa qabatamaa illee eegale akka hin qabne jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading