ONM-ABO Fulbaana 8, 2023
Jiraataan godina Arsii lixaa aanaa kofalee abbaan daa’ima tokkoo hojii daldalaa irratti hundaa’uun maatii isaa jiraachisu Ayyuub Hayimad jedhamu, guyyaa dheengaddaa jechuunis Fulbaana 5, 2023 gara magaalaa Moyaalee deemuun meeshaalee daldalaaf isa barbaachisu bitatee osoo galuu buufata konkolaataa magaalaa Shaashamannee keessatti korojoo isaa sakatta’uun milishaan sirna PP hoomaa erga keessaa dhabaniin booda rasaasaa itti roobsuun ajjeesan.
Sochii sakatta’iinsa magaalaa jechuun magaalaa shaashamannee keessatti kan bobbaafaman milishoonni sirnichaa, Shaashamannee ganda 010 keessa kan jiraatu mana obbo Badhaasoo nama jedhamuu deemuun isin deggertoota WBOti, meeshaalee adda addaa as kaa’uun Waraana bilisummaa Oromoo tumsitu jechuun namicha qabuuf deeman manaa dhabanii haadha Warraa isaa daa’ima ganna 12 waliin butanii deemuu jiraattotni dubbatu.
Gocha hammeenyaa maatii kana irratti raawwatameen haadhi warraa obboo Badhaasoo maqaan ishee Mashuu Gammachuu jedhamtu daa’ima ishee Warquu Badhaasoo jedhamu waliin erga butamanii turtii torban tokkoo booda waajjira poolisii magaalaa Shaashamannee aanaa 1ffaa keessatti kan mullattee fi daa’imni isaanii ganna 12 kun garuu Haga ammaatti eessa akka geeffame hin beekamin jiraachuu maddeen himan.








