• Tue. Nov 24th, 2026

Godina Qellem Wallaggaa keessatti maqaa miseensa Abbaa Torbeeti jedhuun dargaggeessi tokko ajjeefame

Sep 9, 2023

ONM-ABO Fulbaana 9, 2023

Dachee abbaa isaa Oromiyaa irratti mirga lubbuun jiraachuu haalamuun guyyaadha gara guyyaatti bulchiinsa abbaa irree impaayera itoophiyaatiin lubbuu ilmaan isaa dhabaa kan oolu uummanni Oromoo, gochoota ciiggaasisoo loltoota sirnichaan gaggeeffamaa jiru yeroo irraa gara yerootti keessummeessaa Jira.

Waggoota lamaan darban dura Godina Qellem Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Dambi Dolloo keessatti Dargaggoo Amaanu’eel Wandimmuu maqaa abbaa torbee jedhu itti maxxansuun haala suukkaneessaan kan ajjeesan ergamtootni bilxiginnaa, hardhas dargaggoota ilaalcha sabboonummaa qaban maqaa kanaan Yakkuun ajjeesanii reeffa Isaanii bineensa nyaachisaa jiru.

Haaluma kanaanis, Torbee darbe keessa Godinuma Qellem Wallaggaa Aanaa Anfilloo Ganda suddii jedhamtu keessaa, halkan toora sa’a 11tti dargaggoota afur  maqaan isaanii Tamasgeen Dhinaa, Hundee Bantii, Firoo Gajoo fi Waaqtolaa jedhaman mana keessatti itti marsuun waraanni sirnichaa qabanii gara mooraa waraana bilxiginnaa magaalaa Ashiitti geessuun, guyyaa tokkoon boodas gara magaalaa Dambi Dollootti dabarsanii kan hidhan yoo ta’u, dargaggoota kanneen keessaas Dargaggoo Tamasgeen Dhinaa kaleessa jechuunis fulbaana 8, 2023 halkan waajjira poolisii bulchiinsa magaalaa Dambi Dolloo keessaa baasuun rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattotni dubbatu.

Dargaggoo kana erga ajjeesaniin boodas reeffa isaatti naanna’uun nama dhuftee kaastu ilaalla jechuun hawaasatti dhaadachaa kan turan waraanni sirnichaa, reeffa dargaggeessa kanaa bakkee keessa erga oolchaniin boodas, uummanni dhokatee galgala kaasee awwaaluu kan nuuf himan maddeen, Dargaggeessi Oromoo kun hawaasa naannoo isaa keessatti jaalalaaf kabaja guddaa kan qabuu Fi rakkoo qabaatee osoo hin taane ilma Oromoo ta’uu isaa qofaan yakkamee ajjeefamuus dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Leave a Reply