ONM-ABO Fulbaana 9, 2023
Tiksitootni impaayera itoophiyaa dhaabbilee tajaajila hawaasaa kanneen akka mana barumsaa, hospitaalaa fi kanneen biroo Keessaa hojjettoota faallaa siyaasa sirnichaa hordoftu jedhan, ilaalchaan yakkanii hidhuu fi hojii irraa ari’uun jireenya gadadoo keessatti gataa jiru.
Haaluma Kanaan godina Harargee Bahaa Hospitaala magaalaa Haroomaayyaa keessatti ogeessota fayyaa ga’umsaa fi ogummaa qabaniin uummata tajaajilan, itti gaafatamaan hospitaalichaa Hamid Abdusalaam jedhamu kaabinootaa fi waraana sirnichaa waliin ta’uun hedduu isaanii hojii irraa ari’aa jiraachuu maddeen dubbatu.
Ogeessa fayyaa ogummaa neersiin hawaasa tajaajilu kan maqaan Isaa Mohammad Zeenii jedhamu, boqonna waggaaf eeyyama fudhatee maatii isaa bira turuun yeroo hojiitti deebi’utti, waraana bilisummaa Oromoo biraa dhufta waraqaa fidi jechuun waraana itti waamee reebsisuun hojii irraa ari’ee jiraachuu keessa beektonni himan.
Dokteerota fayyaa Toomaas Addisuu, Hamad Giddii fi Abdii jedhamanis bifuma walfakkaatuun hiisisuun, hoggaa isaan mana hidhaarraa ba’aan ammoo hojii irraa kan ariyee fi Ampuulaansii tajaajila hawaasaaf laattu ammoo waraanaaf dabarsee kennuun uummata rakkisaa kan jiru ta’uun illee gabaafameera.




