• Mon. Sep 28th, 2026

Ajjechaaf Dararaan Mirga Ofiif Falmachuurraa Duubatti Nama Hin Deebisu! – Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Sep 10, 2023

Fulbaana 10, 2023

Seenaa Qabsoo Biyyoota Gabroomfamanii mirga ofiif falmataa turanii keessatti ajjechaawwan suukkanneessoon hedduun raawwatamuun, aarsaan qabsoof godhamu marti baafamet’ gudunfaa qabsootiin wanni cufti irra aanama.
Sirni Abbaa Irree Saboota irratti erga humnaan fe’amee eegalee Impaayera Xooppiyaa keessatti lubbuun ilma namaa kabaja isaaf malu argatee hin beeku.

Xooppiyaan Seerota kabaja Mirga namoomaaf ba’e  sadarkaa Idil-addunyaatti mallatteessitus, Kabaji Mirgaa hafee, mirgi Lubbuun jiraachuu kan keessatti dhabame haga har’aatti Xooppiyaan ishee beekamtuudha.
Keessaattuu Impaayera keessatti Saboonni dammaqanii eenyummaa ofiif falmatan akka diinaatti waan ilaalamaniif Impaayerri Xooppiyaa haga har’aattillee lubbuu ilmaan Oromoo qaqqaalii kuma dhibbootaan ofitti wareeggataa yoona geese, har’allee jumlaan lubbuu ilmaan Oromoo Sorataa jirti.

Tibba kanas Oromiyaa bakkoota hedduutti wantoonni argamaniif dhagaa’aman waan gurraan dhaga’uuf hin tolle, ija ofiin ilaaluuf nama sururudha.

Murni Aangoo Impaayerattii irratti maqaa Oromoon Mootii ta’ee bitaa jiruuf Tiksitoonni sirnichaa Hagayya 30, 2023 Godina Qellem Wallaggaa, Aanaa Anfilloo, Ganda Suudii keessaa Dargaggoota afur (4),

1. Barsiisaa Hundee Bantii
2. Daangaa Dhinaa
3. Firoomsaa Biniyaam
4. Waaqtolaa Darajjee
Kanneen jedhaman qabuun, Maqaa Lixa Oromiyaa keessatti dargaggootatti moggaasuun ittiin ajjeesuun beekamu (Abbaa Torbee) jedhamuun waamuun, “isin miseensota Abbaa Torbeeti” ittiin jechuun gara Magaalaa Dambi-Doollootti geessanii dararaa ulfaataa ilma namaaf hin malle, kanneen akka Elektirikiin nama guggubuu, qaama namaa cicciruufaa erga irratti raawwataa turanii booda Dargaggoo Daangaa Dhinaa Fulbaana 08, 2023 bosonatti geessuun ajjeesanii gataniiru.

Dargaggoo Daangaa Dhinaa ajjeefamee gatamus kanneen isa waliin qabaman namni sadii haga ammaattuu eessa akka buufaman hin baramne.

Qaamonni ajjechaa kana qindeessanis  Bulchaa Aanaa Anfilloo, Bulchaa Godina Qellem Wallaggaa, Itti Gaafatamaa Waajjira Milishaa Godina Qellem Wallaggaa, Itti Gaafatama Waajjira Nageenya Godina Qellem Wallaggaa, Hooggansa Paartii Bilxiginnaa Godina Qellem Wallaggaa akka ta’e madden sirnaan heeraniiru.

Guyyaadhuma kana Fulbaana 08, 2023 Godina Shawaa Lixaa Aanaa Amboo Ganda Galaan Waddeessaatti Qaamonni Mootummaan Maqaa Raayyaa Ittisa Biyyaa jedhuun bobbaasu Dargaggoo Galaasaa Jifaaraa Dhaabaa jedhamu Magaalaa Amboo keessaa qabuudhaan ganda dhaloota isaa Galaan Waddeessaatti geessuun gabaa walakkaatti rasaasaan tumanii ajjeesanii jiru.
Guyyaadhuma kana Galaan Waddeessaatti Dargaggoo Imurii 17 Incaalaa Taayyee Ajjamaa kan jedhamus rasaasaan ajjeesanii jiru.

Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Sibuu Siree Ganda Jaarsoo Waamaa keessatti Fulbaana 01, 2023 Dargaggoo Danuu Malkaamuu Gammadaa ajjeesanii gatuun bineensi akka nyaatu godhanii jiru.

Godina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaa Ganda Birbirsa Guddaa Saabolee jedhamutti Hagayya 15, 2023 namoota nagaa shan (5 ) qabanii harka duubatti hidhuudhaan dararaa hammaataa irraan geessisaa erga turanii namoota sadii (3) ajjeesuudhaan, kanneen hafan lamaan irra miidhaa hammaataa geessisanii jiru.
Kanneen ajjeefaman kunneen;
1.  Boonsaa Machii Aabbosaa
2.  Daalee Gunjoo Tufaa
3.  Geetaachoo Gunjoo isaan kun gara jabinaan uummata fuulduratti rasaasaan tumamanii ajjeefamani.

Kanneen miidhaan ulfaataa irra ga’e;
1. Jaarraa Qajeelaa Bulbulaa
2. Bulloo Jimaa Baalchaa kanneen jedhamaniidha.

Bifuma wal fakkaatuun Raayyaan Ittisa Biyyaa Fulbaana 06, 2023 Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jibaat Ganda Maaruu Gombootti dargaggoota lama (2 ) maqaan isaanii
1. Abbushee Takkalaa Tulluu fi
2. Solomoon Abarraa Guulii kan jedhaman badii malee rasaasaan tumanii ajjeesanii jiru.

Kanneen Ibsa kana keessatti heeruuf yaalle kunneen bakkeewwan quunnamtiin itti dalaguuf taatewwan hojjetaman mul’atan malee gocha hammeenyummaa Uummata keenyarratti godhamaa jirurraa nuusallee ta’uu hin danda’u.

Sirni abdii kutatee ilmaan Oromoo lafarraa daguuguutti xiyyeeffate kun yoomillee fira Oromoo ta’uu akka hin dandeenyeefi qabsoon ofirraa calaasuun dirqii akka ta’e hubachiisuu feena!

Darbees dhaabbileen mirgoota namoomaaf falman sadarkaa idil-addunyaatti qorannoo gochuu dandaa’an dhimmoota kanaaf xiyyeeffannoo kennanii akka irratti hojjetan taasisuuf Oromoon cufti dirqama isarraa eegamu akka ba’u waamicha Oromummaa dhiheessina.

Maayiirratti Qeerroon keenya kan duraa caalaatti jabaattanii Waraana Bilisummaa Oromoo faana ta’uudhaan bifa eeggannoo jabaan guutameen sochii diinaa hordofuun dirqama Qabsoon isinirraa barbaaddu akka kennitan gadi jabeessinee hubachiisna.

Qeerrowwan keenya bakkeewwan Oromiyaa cufa keessatti Eenyummaasaaniif, Walabummaa Oromiyaatiif aarsaa baasaa jiran fakkeenya godhataa, kaayyoo isaan irratti kufan galmaan ga’uuf xiyyeeffaannaa jabaadhaan akka hojjannu dhaammanna.

Uummati Oromoo abbaan Qabsoo kanaas kan duraaniirra daran dammaquudhaan Murna maqaa Oromoo himataa Oromoo lafarraa fixa jiru kana ofirraa kaasuuf qindoominaan akka hojjatu waamicha goona.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Fulbaana 10, 2023

Finfinnee, Oromiyaa

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading