• Fri. Apr 24th, 2026

Mee Haa Yaadannu! Goota seenaa qabu, sabbonticha Oromoo

Nov 8, 2025

Mee Haa Yaadannu!

Jaagamaa Badhaanee sabboonticha Oromoo
Eenyuu hin dagatu ifa baasaa qomoo
Goota seenaa qabu Alamaayyoo Garbaa
Diinaaf gad hin jedhu dhaadataa akka Arbaa
Gaaddisaatiin beektuu sabboonaa Hirphasaa
Qabsoo finiisuudhaaf wareege lubbuusaa
Yoo yaadanna taane Kabbadaa Badhaasaa
Diinaaf gad hin jennuun lolaase dhiigasaa
Wareege lubbuusaa
Haa yaadannu egaa sabboontota kana
Galmee qabsiifanna seenaa isaanii faana
Qabsoof wareegamuun isaaniif ayyaana
Qabsoon haa finiisnu akkuma isaanii kana
Qabsoohota Oromoo goota seenaa qaban
Kaayyoo isaanii ibsuuf baay’ee tattaafatan
Gonfoo Bilisummaaf lubbuun wareegaman
Sabboontoti kun mee haa yaadataman
Goota seena qabu Jaagamaa Badhaanee
Kabbadaa wajjiniin kaayyoof manaa baanee
Gabrummaa faccisuuf harka wal-qabannee
Dhukaasa banani lukkeewwan Wayyaanee
Sammuu rukutani Jaagamaa Badhaanee
Seenaan haa yaadatu sabboontota kana
Qabsoo finiinsuudhaaf isaaniif amala
Egaa haa yaadannu ganamaa fi galagala

Gumaachaan: Nugusaa Gobooshoo
Amboo irraa, 2006

qbo_post #Oromia #highlightseveryone #GYFDG #ABO_WBO #highlightsシ゚ #highlights

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading