• Thu. Mar 19th, 2026

Godina Arsii bahaa aanaa Gololchaa keessatti kaadirootni PP sochii geejjibaa galgala sa’a 12:00 booda ugguruun namootni rakkachaa jiraachuu maddeen himan

Sep 12, 2023

ONM-ABO Fulbaana 12, 2023

Sochii maqaa labsii yeroo hatattamaa Jedhu sababeeffachuun Oromiyaa keessatti geejjibni kamuu galgala sa’a 12:00 booda ugguramuun, bakkeewwan garaagaraatti haadholii ulfaa fi namootni dhukkubsatan danqamaa jiraachuu fi yaala dhabuun lubbuun darbaa jiraachuun beekamee jira.

Oduuma kanaanis, godina Arsii Bahaa aanaa Gololchaa magaalaa Caancoo keessatti waraanni faashistii PP  hawaasa konkolaataa, Baajaajii fi Doqdoqqee fayyadamuun sochii magaalaa keessaa taasisan qabuun hidhanii baatii ol erga hiraarsaniin booda maallaqa 2500-3000 harkaa fuudhuun lakkisaa jiraachuu jiraattotni dubbatu.

Erga uggurri geejjibaa ta’ee kaasee haadhi ulfaa fi namootni dhukkubsatan sababa hanqina geejjibaatiif yaalii wallaansaaf rakkoo ulfaataa argaa jirra jechuun yaada isaanii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading