• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Harargee lixaa aanaa Ciroo gandoota baadiyyaa aanichaa keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun reebichii fi saamichi jiraattota irratti hammaachuun himame

Sep 13, 2023

ONM-ABO Fulbaana 13, 2023

Oromiyaa golee mara keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertuu fi tumsitu jedhuun hidhattootni garee maafi’aa PP hidhaa ajjeechaa fi saamicha daangaa hin qabne hawaasa nagaa irratti raawwachaa kan jiran yoo ta’u, gocha waraana sirnichaan gaggeeffamaa jiru kanaanis haala ulfaataa keessa jiraachuu jiraattotni gandoota aanaa Ciroo dubbatan.

Oduuma kanaanis, kaabinoonnii fi Waraanni dantaa sabaa dhiisanii dantaa mataa isaanii adamsan kunneen lixa Harargee aanaa Ciroo ganda Najaabaas keessatti Wiixata dheengaddaa irraa eegaluun hanga roobii har’aa kanatti, maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo of fuuldura qabuun namoota hedduu irratti reebicha ulfaataa raawwachuun gariin namootaa ammoo dhukaasaan qe’ee isaanii gooluun akka baqatan taasisaa jirus jedhu.

Gocha loltoota PP kanaanis Abiraahim Yaasin namni jedhamu badii tokko malee mataa isaa keessa akka bofaatti reebuun du’aaf jireenya gidduutti kan dhiisan yoo ta’u, yeroo ammaa kanattis buufata fayyaa magaalaa Cirootti yaalamaa kan jiruu fi Ahimad Sulee, Adam Ussoo fi Adam Abdallaa namoonni jedhamanis ammoo reebicha ulfaataa irratti raawwatameen hospitaaluma maagaalichaatti yaalama jiraachuu kan himan jiraattotni, namoota kanneen irratti reebichaan cinatti maallaqaa fi bilbiloota isaanii hunda saamuun kan fudhatan ta’uus dubbatan.

Aanichuma keessatti Mustarii Abiraahim,  Maammad Aliyyii,  Qaasim Ahimed fi Iftuu Jamaal kanneen jedhaman ammoo Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachistan maqaa jedhuun mana isaanii keessatti itti marsuun dhukaasa itti bananii akka isaan qe’ee isaanii irra godaanan taasisaniirus jechuun jiraattotni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading