ONM ABO, Fulbaana 13, 2023
Gootichi uummata isaa irraa guyyaan diina qolataa oolu, Lixa Shaggar keessatti diina diina uummaticha gidirsuuf bobbaate itti marsee rasaasaan tumuun sochii nyaaphaa danquun aantummaa saba isaatii mullisee jira.
Fulbaana 10, 2023 Lixa Shawaa Aanaa Dortee Incinnii bakka addaa Kamsii Biloo jedhamutti lolaa guddaa gaggeessuun humna diinaa irraa 20 battalatti ajjeesuun, namoota 15 madoo dandammii hin qabneen gaggeessee jira.
Humni diinaa kun madoo isaanii fudhatanii gara aanaa Shanan bakka Areeree jedhamutti baafatanii kan bulan yoo bakka sanattis namoonni 5 irraa du’uu odeessi arganne ni mirkaneessa.
Gama meeshaatiin qawwee AKM dachaatuu 15, AKM gurraacha 7, hidhannoolee gara garaa irraa hiikuun moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisee jira.
Fulbaana 11, 2023 Kibba Oromiyaa Godina Booranaa Aanaa Miyoo keessatti humna diinaa kora taa’ee jiru irratti tarkaanfii rifaasisaa fudhachuun battalatti nama 2 irraa ajjeesuun wal ga’ii dhiisanii akka baqatan taasisee jira.
Bilisummaa dhugaan Afaan qawween dhufa.
Injifannoon Uummata Oromoof!
