• Mon. Sep 25th, 2023

Miseensonni raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa lama sirnicha ganuun lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu keessaa gooticha waraana Bilisummaa oromootti harka kennatan 

Sep 13, 2023

ONM-ABO Fulbaana 13, 2023

Sirna dhaabbiitti jige utubnee hawaasa keenya hin dararru jechuun Miseensotni waraana bilxiginnaa hedduun gooticha waraana Bilisummaa Oromootti makamaa jiraachuutiin mufaatii guddaa keessa seenee sirnichi eegumsa itti haa cimsu malee sabboontotni fi miseensonni quuqama qaban guyyuu keessa miliquun WBOtti makamaa jiru.

Haaluma kanaan fulbaana 10, 2023 Miseensonni raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa lama godina lixa Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu magaalaa Warra jirruu keessaa miliquun gooticha waraana Bilisummaa Oromootti meeshaa qawwee turkii 1, dachaatuu 1 fi Hidhannoo guutuu waliin ba’uun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchaniiru.

Dabalataanis keessoo bilxiginnaatti rakkooleen hedduun dhalachuun Wal shakkii fi jibbiinsi sanyummaa jabaatee jiraachuu kaasuun loltootni kunneen yeroo amma obboloota isaanii sirnicha keessatti hafaniin dhiibbaa sirnichi gochaa jiru osoo argitanii hawaasa keessanitti dhukaasuu dhiisaatii qabsoo sabaa WBOn geggeessa jirutti kottaa dabalamaa jechuun Dhaamsa dabarsaniiru.

Leave a Reply