ONM ABO Fulbaana 13, 2023
Gootichi uummata isaa irraa guyyaan diina qolataa oolu, diina uummaticha gidirsuuf bobbaate itti marsee rasaasaan tumuun sochii nyaaphaa danquun aantummaa saba isaatii mullisee jira.
Haaluma kanaan godina kibba lixa Shaggar aanaalee akka Bachoo, Sadeen Sooddoo, Iluu fi Tole keessatti gootichi abdii sabaa lola fulbaana 12, 2023 halkan sa’a jaha irratti aanaa Bachoo magaalaa Tullu Boolloo, Sadeen Sooddoo magaalaa Arbuu Culuullee, Iluu magaalaa Tajii, fi Tolee bulchinsa magaalaa Abeebee keessatti fudhateen diina hedduu du’aa fi madoon yoo adabu meeshaalee waraanaa hedduus dugda diinaa irra hiikuu, hidhamtoota siyaasaas mana hidhichaati yaasee jira.
Tarkaanfii gootichi halkan diina dagachiisuun fudhate kanaanis aanaa Bachoo Magaalaa Tullu Boolloo keessatti diina irra AKM 80, bireenii 1 rasaasa 2200, hidhannoowwan hedduu fi diinaaf lukkeelee diinaa 25 ajjeesuun 16 madoon yoo adabu hidhamtoota siyaasaas guutumanguututti mana hidhichaa keessa yaase jira.
Aanaa Sadeen Sooddoo keessattis AKM 102, rasaasa 3000 dugda diinaa irra yoo hiikuu, 39 ajjeesuun 18 madoon dandammii hin qabneen adabuun hidhamtoota siyaasaas guutumanguututti waajjira poolisii aanichaa keessaa yaasee jira.
Akkasuma aanaa Iluu magaalaa Tajii keessatti AKM 12, rasaasa 800, 6 ajjeesuun 2 yoo madeessuu aanaa Tolee bulchinsa magaalaa Abeebee keessattis 2 ajjeesuun magaalicha keessa oliif gadi ar’iee jira.
Walumaagalatti lola sa’a walfakkaatattii jajjabeewwan kibba lixa Shaggar diinaaf lukkeelee diinaa irratti fudhatan kanaanis Bireeni 1 AKM 206, rasaasa 6000, 72 ajjeesuun 36 madoon adabe injifannoon boonsan goolabeera.
Bilisummaa dhugaan Afaan qawween dhufa.
Injifannoon Uummata Oromoof.




































