ONM-ABO Fulbaana 16, 2023
Sirni daba hawaasa Oromoo irratti raawwachuun, gaaffii hawaasni hin beekneen hidhaa, saamaa fi ajjeesaa jiru bilxiginnaan, waraana naasuu hawaasaaf hin qabne bobbaasuun dararaa jabeessee jiraachuu maddeen ona Cawwaaqaa dubbatan.
Haaluma kanaan fulbaana 13, 2023 godina Bunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa ganda Burqaa Barakaa keessatti maqaa gargaarsa milishaa jedhuun afooshni gandichaa Marti nyaata akka dhiyeessaaniif dirqisiisaa kan jiru yoo ta’u, ganda Shimal Tokkee keessatti ammoo hawaasa hundarraa midhaan ardaba tokko tokko humnaan funaanaa jiraachuu maddeen himan.
Dabalataanis waraanni sirnichaa Fulbaana 14, 2023 magaalaa Boolee jedhamu keessatti maallaqa namootaa saamuu fi bilbiloota harkaa fuudhuun reebichaa fi dararaa raawwachuun galgala akka gadi dhiisanis maddeen gabaasan.
