ONM-ABO Fulbaana 16, 2023
Duulli ilmaan Oromoo lafa irraa fixuu karaa murna bilxiginnaan Oromiyaa keessatti labsamee jiru hammaachuun, dachee Oromiyaa keessatti loltoota sirnichaan dhiigni qulqulluun dhangala’uun cinatti reebichaa fi ajjeechaan akkaan gaggeeffamaa Jira.
Fulbaana 12, 2023 lixa Harargee aanaa Ciroo ganda Najabaas keessatti ganama obboroo sa’aa 12:00tti obbo Abdallaa Aliyyi Kan jedhamu abbaan daa’ima sadii bakka oyiruu irraa bineensa eeggataa jiranitti waraana sirnichaa aanichatti bobbaafamaniin ajjeefamuu jiraattotni dubbatan.
Dabalataanis Maanguddoon ganna 65 fi dargaggoon Usmaa’el Abdallaa jedhamu isin hidhata waraana bilisummaa Oromoo qabdu jechuun reebicha irratti raawwatameen yeroo ammaa du’aaf jireenya gidduutti kan argaman ta’uunis ifoomeera.
