ONM-ABO Fulbaana 16, 2023
Kaayyoon ijaaramuu impaayera Itoophiyaa uummata Oromoo balleessuu fi Oromiyaa harka keessa galfachuu yoo ta’u, impaayerattii Keessatti ilmaan Oromoo hojii loltummaan sirnicha tajaajilaa jiran impaayericha hin tumsinu jechuun sirnicha gananii gooticha waraana Bilisummaa Oromootti makamuu jabeessanii jiru.
Haaluma kanaan fulbaana 15, 2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan keessaa Miseensotni raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa sabaan Oromoo ta’aan 4 sirna cubbuu bilxiginnaa hin tajaajillu jechuun gooticha waraana Bilisummaa Oromootti harka kennachuu maddeen gabaasan.
Loltootni PP sirnicha ganuun WBO bira dhufan kunneen meeshaa kilaashii turkii 3, dachaatuu 1 fi rasaasa 760 mooraa diinaa keessaa fuudhanii kan ba’aan yoo ta’u, simannaa ho’aan karaa gooticha waraana bilisummaa oromoo taasifamuufiinis ifoomera.


