• Mon. Sep 25th, 2023

WBOn mooraa leenjii zoonii lixaatti kaadhimamtoota leenjisaa ture eebbisuu beeksise

Sep 16, 2023

ONM-ABO Fulbaana 16, 2023

Kallachi qabsoo bilisummaa Oromoo ABO-WBOn qabsoo hidhannoo waggaa 45 dura eegalee bara 2018 seenaa ta’ee akka darbuuf hojjetamee ture, dhaabichas qabsoo bilisummaa Oromoos badii isaa irraa hambisuuf ofitti fudhatee qabsoo hadhooftuu waggoottan shanan kana taasisaa jiru keessatti qeerroo fi qarree bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaaf of kennaan hedduu simatee leenjisee eebbisaa ture jabeessuun baatii kana keessas kaadhimtoota hedduu eebbisiisee jira.

Fulbaana 12, 2023 mooraa leenjii gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii lixaatti dargaggoota Oromoo roorroo jibbuun manaa ba’an ofitti simatee leenjii waraanummaa fi siyaasaa yeroo dheeraaf kennaafii ture xumursiisuun eebbisiisee dirqama dachaaf bobbaasee jira.

Leenjii waraanummaa tooftaa lolaa hanga naamusa WBOtti akkasumas seenaa Oromoo fi sagantaa dhaabichaa irratti barnootni caayaa fi dirree shaakalaa irratti kennamaafii turuu kan ibsan hogganaan mooraa leenjii Waraana Bilisummaa Oromoo zoonii lixaa Jaal Wiirtuu Galataa, eebbifamtootanis baga geessan jechuun yeroo bobbaatanis akeekaa fi kaayyoo ABO-WBO bu’uura godhachuun hojjettanii saba keessan qaanii garbummaa keessaa akka baastan jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

Eebba Kibxata darbe Fulbaana 12 marsaa Guca Bilisummaan sirna hoo’aan geggeeffame kana irratti kan argaman ajajaan olaanaa ABO WBO Jaal Marroo Dirribaa Lammeessaa, haasaa eebbifamtootaaf taasisan irratti kaadhimamtoota leenjii xumuran kanaan baga ittiin isin ga’e jechuun uummata Oromoo Oromiyaa keessaa, biyyoota ambaa jiraanii fi miseensota waraana bilxiginnaaf dhaamsa dabarsaniiru.

Dubbii dubbatan kana keessattis murni bilxiginnaa lolaa fi beelaan uummata Oromoo dadhabee dhukkubaan ilmaan Oromoo ajjeesaa jiran kan jedhan Jaal Marroon weerara dhukkuba busaa amma jiru kanaaf uummatni naannoo isaa qulqulleessuu qabas jedhan.

Dabalatanis WBOn murna bilxiginnaaf malee uummata Oromoof yaaddoo akka hin taane kaasuun, nuti warra funaanamee dhumu osoo hin taane sirna dabaa fonqolchee hawaasa isaatti kabajaa horu, misirroo ol galaaf eegamaa jirudha kan jedhan yoo ta’u, kanaaf ammoo humna keenya jabaa gaafa ittisa irraa haleellaa eegallu sirnaan arguu danda’u jechuun WBOn sirnicha akka injifatu shakkii akka hin qabne addeessaniiru.

Guutuu Eebbaa WBO mooraa zoonii lixaa sagantaa keenya yeroo biraan qabannee isiniif dhiyaanna.

Leave a Reply