• Mon. Sep 25th, 2023

Baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti hidhattootni finxaaleyyii Amaaraa uummata Oromoo irratti ajjeechaa jumlaa raawwachuun dhagaa’ame 

Sep 17, 2023

ONM-ABO Fulbaana 16, 2023

Hidhattootni garee Finxaaleyyii Amaaraa Faannoon, Miseensota raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa waliin Wal tumsuun duula duguuggaa sanyii ilmaan Oromoo irratti raawwachaa Kan jiran yoo ta’u, Fulbaana 14, 2023 Miseensonni loltoota impaayerattii sabaan Amaaraa ta’aanii fi gara Faannootti badaa jiran, bakka hidhattootni Faannoo jiranitti nu geessaa jechuun dargaggoota Oromoo yeroo gaafatanitti hin beeknu sababa jedhaniif qofa nama 5 bakka tokkotti ajjeesanii deemuun dubbatame.

Konkolaachisaa tokko konkolaataa isaa waliin ukkaamsanii erga ittiin deemanii booda isas ajjeesuun gaara Dichoo bakka Harbuu Kennee jedhamutti milishaa eegumsa irra jiru tokkoofi hawaasa tokkos ajjeesuun garee hidhattoota Faannoo sanatti akka dabalaman odeessi bakkichaa arganne ni mirkaneessa.

Taateen suukanneessaa Kun baha Wallaggaa aanaa Giddaa Ayyaanaa  ganda Qarsaa bakka addaa Harbuu Kennee  jedhamutti hidhattoota raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa gara Finxaaleyyii Amaaraa Faannootti badaa jiraniin Kan raawwatame yoo ta’u, dargaggootni ajjeefaman kunneenis Eliyaas Ayyaanaa, Nuuraa Sayiduu, Ahimad Eliyaas Ayyalaa, Tasfaayee Margaa fi  Mohammad Haayiduu kan jedhaman ta’uunis ibsame.

Ittuma fufuun Fulbaana 15, 2023 maatiin namoota du’anii du’aa ga’ii deemuuf konkolaataa tokkoon imalarra otoo jiranii qaamni hidhatee socho’u kun Aanaa Giddaa Ayyaanaa gaara Dichoo bakka Andoodee jedhamutti eeguun rasaasaan tumanii namoonni 32 battalumatti lubbuun isaanii kan darbe yoo ta’u, namoonni 11 hospitaala magaalaa Naqamteetti yaalamaa jiraachuunis beekamee jira.

Yerooma walfakkaataatti godinuma Wallagga bahaa aanaa Sibuu Siree keessattis namoota hedduu kan ajjeesan ta’uun gabaafame.

Leave a Reply