ONM-ABO Fulbaana 16, 2023
Sirni jiruu idilee isaa ilmaan Oromoo hidhuu, ajjeesuu fi hiraarsuu taasifate bilxiginnaan, dargaggoota Oromoo goleewwan Oromiyaa cufa keessatti Akka bineensaatti adamsuun qabee dirree waraanaatti guuruun ficcisiisuu irra darbee, Maatii ilmaan isaanii dirqiin qabamanii Lola isaan hin illaallanne keessatti dhuman irratti reebichaa fi hidhaa jabeessaa jira.
Haaluma kanaan Godina Harargee Bahaa Aanaa malkaa balloo magaalaa Dhagaa yaaballoo fi Jaajaa keessatti ergamtoonni bilxiqinnaa ijoollee Oromoo kanaan dura humnaan ukkaamsanii harka duubatti hidhuun osoo Maatiin duukkaa boo’anii fuudhanii dirree waraanaatti naquun erga ficcisiisaniin booda fulbaana, 10, 2023 ijoolleen keessan Lola kaabaa impaayerattii irratti geggeeffamaa tureen dhuman waan ta’eef jajjabaadhaa jechuun Maatiitti yoo himan, maatiin miira gaddaa fi boo’ichaan liqimfamuun erga ijoollee keenya humnaan guurtanii nurraa ficcisiistanii amma maal gochuuf nutti himuu dhuftan jechuun tibba isaan gaafatanitti, waraana naannoo sana jiru itti naannessuun reebicha hamaa maatii ijoollee kanaa irratti erga raawwataniin booda, konkolaataa Isuzu tokkotti naquun gara mana hidhaatti fuudhanii sokkuu jirattotni dubbatan.
Kana malees aanicha keessatti waraana humna furgaatuu ofiin jedhu uummatatti bobbaasuun saamsisaa Akka jiran kan dubbatan jiraattotni, Ergama dabaa kana murna pp irraa fuudhuun waraana geessee maatii ijoollee kanaa dararaa kan jiru abbaa araddichaa jechuun kan of waamu Jamaal Haarunii fi caasaa bilxiginnaa araddichaa ta’uu Maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
