ONM-ABO Fulbaana 16, 2023
Dhaadannoo “ajjeesuun mo’amuudha” jedhu qabatee gara aangootti kan dhufe koloneel Abiy Ahimed jechoota Isaa kanaan, jaallatamummaa sabaaf sablammootaa fi uummata Addunyaa biratti horachuuf carraqqii gochaa Kan ture yeroo ta’u, amma faallaa gocha afaaan isaatiin lubbuu namoota bineensaan gaditti ilaaluun ajjeesuu itti fufee jira.
Jiraataa lixa Wallaggaa ona Qondaalaa ganda Zeebee Kan ta’e jaarsi biyyaa hawaasa biratti kabaja guddaa qabu namni obbo Abdurqaadir Hirkisaa Jedhaman fulbaana 5, 2023 naasuu tokko malee waraana PPn rasaasni itti roobsamuun ajjeefamuu jiraattotni himan.
Obbo Abdurqaadir jireenya isaa guutuu nama hojii gaarii hojjechuu fi rakkoo hawaasaa furuun dabarse yoo ta’u, sabboonummaa isaa qofaaf badii hoomaa osoo hin qabaatin akka ajjeefame jiraattotni Arraatni Biyyooleessa Oromiyaa dubbise gabaasan.
Dabalataanis fulbaana 14, 2023 aanaa Begii ganda Teenzee shorshorii keessatti namni maqaan isaa hin baramin jiru tokko waraana PPn ajjeefamuun maallaqa kaffaltan malee reeffa isiniif hin laannu jechuun loltootni sirnichaa reeffa nama kanaa dhorkachuun beekame.
