ONM-ABO Fulbaana 16, 2023
Tarkaanfii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Fulbaana 12, 2023 halkan sa’a ja’aan yeroo wal fakkaataatti aanaalee akka Bachoo, Sadeen Sooddoo, Iluu fi Tolee keessatti diinaaf lukkeelee diinaa irratti fudhateen kan baaragde kaabinoonnii fi waraanni sirnichaa yeroo ammaa quba walitti qabuun situ balleessee fi situ akkas godheen wal hidhaa jiraachuun beekame.
Gootichi Abdii sabaa WBOn bara jijjiirraa Habashootaa guyyaa isheen maallaqa haadha hiyyeessaan quuftee sirbaa jirtutti irra ba’uun, gammachuu isaanii gaddatti kan jijjiireef yoo ta’u, tarkaanfii keessa deebii hin qabne kanaanis diina du’aaf Madoon adabee hedduu ishee booji’uun meeshaalee waraanaa hedduus irra hiikuun ni beekama.
Haaluma kanaanis itti gaafatamaa waajjira poolisii aanaa Bachoo Taarikuu jedhamuu fi bulchaa aanichaa ammaaf maqaan isaa nu hin qaqqabin, isintu Waraana Bilisummaa Oromoo nutti waame jechuun bulchaan godinaa Taayyee Guddisaa jedhamu hidhuu maddeen achii himan.
Dabalataanis, bulchaa aanaa Sadeen Sooddoo isintu harka keessaa qaba jechuun hidhanii gidirsaa jiraachuu kan himan maddeen, magaalota kanneen keessatti guyyaa Waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii fudhatee kaasee sodaa Waraanni Bilisummaa Oromoo nutti deebi’a jedhu irraan kan ka’e qeerroowwan hedduus adamsanii hidhaa jiraachuu himan.


